Pireezidaanti Shimallis Sheek Hajii Ibraahim Tufaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Pireezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa fi Hoggantoota Olaanoo Majilisaa waliin dhimmoota garaagaraarrratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin Pireezidaanti Shimallis hundeeffama magaalaa Shaggariin walqabatee Masjiidota diigamanii turan Mootummaan waadaa gale kan hin daganne ta’uu ibsuun, Adeemsichi yeroo waan fudhateef tajaajilichi ariitiin hojitti akka hin galamne dubbataniiru.

Haaluma kanaan Masjidonni diigaman yeroo gabaabaa keessatti tajaajila kennuu akka eegalaniif ni hojjetama jedhan.

Hoggantoonni Olaanoon Majilisaa gamaasaaniin,gaaffiiwwan hawaasa Muslimaa naannichaarraa ka’an deebii akka argatan gaafataniiru.

Pireezidaanti Shimallis gaaffiiwwan ka’aniif yeroo gabaabaa keessatti deebii kennuuf kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

Marichi rakkoolee waloon furuufi furmaata qabatamaa fiduuf kan gargaaruu ta’uun ibsameera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment