Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektara Olaanaa Waajjira Tajaajila Piroojektii waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 9, 2017 (FMC)- Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektara Olaanaa Waajjira Tajaajila Piroojektii Joorj Moorii’eeraa Daa Siilvaa waliin mari’ataniiru.

Waajjirichi hojii mootummaan Itiyoophiyaa adeemsota bittaa irratti hojjetuun hojii ijaarsa dandeettii akka hojjetu Pireezidaanti Taayyeen gaafataniiru.

Dabalataanis piroojektiiwwan garaagaraa Afrikaatti hojjetu keessatti dhiyeessitoota meeshaalee Itiyoophiyaa akka hirmaachisuufi waajjira isaa Itiyoophiyaatti argamu akka babal’isuuf gaaffii dhiyeessaniiru.

Joorj Moorii’eeraa Daa Siilvaan gamasaaniin, Pireezidaanti Taayyee waliin marii bu’a qabeessa taasisuu ibsuun, waajjirichi hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu daran cimsuu akka barbaadu eeraniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment