Pireezidaantiin duraanii Naamiibiyaa Saam Nujoomaa du’aan boqotan

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Pireezidaantiin jalqabaa duraanii Naamiibiyaa Saam Nujoomaa umrii waggaa 95ffaa isaaniitti du’aan boqotan.

Naamiibiyaan bara Faranjootaa 1990 bilisummaa ishee erga labsitee pireezidaantii biyyatti jalqabaa kan turan Saam Nujoomaa bara 1990-2005 pireezidaantummaan biyyatti gaggeessaniiru.

Saam Naajoomaa dhukkubsachuun wal’aansi taasifaaafii turuus Magaalaa guddittii biyyattii Wiindiihookitti du’aan boqochuun ibsameera.

Pireezidaantiin biyyaattii ammaa Naangooloo Mubuumbaan akka jedhanitti Saam Najoomaan lafa keenyarratti abbaa akka taanuu fi abbaa bilisummaa nu gonfachiisan turan jedhan.

Du’aan boqochuu pireezidaantii duraanii biyyattii kanaa hordofee Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat, Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo dabalatee dureewwan biyyoota Afrikaa garaagaraa gadda isaanii ibsaa jiraachuu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment