Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC)-Pireezidaantonni naannolee garaagaraa Ayyaana jijjiirraa baraa Uummata Sidaamaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Muusxafee Muhaammad, Uummanni Somaaleefi Sidaamaa walitti hidhamiinsa seenaa waggoota dheeraa kan qaban ta’uu eeruun, Ayyaana Fichee Cambalaalaa akka ayyaana mataa keenyaatti kan ilaallu, ayyaana waloo keenyaati jedhan.
Pireezidaantiin naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilaahuun Kabbadaan gamasaaniin, Ayyaanni Fichee Cambalaalaa Uummata Sidaamaarra darbee qabeenya waloo biyyattii hambaa kiliyyaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’e ta’uu ibsaniiru.
Hariiroo aadaa, hawaasummaafi diinagdee Uummattoota naannolee lameenii guddisuun misoomaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf ayyaanichi qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Pireezidaantiin naannoo Giddugala Itiyoophiyaa Dooktar Indaashaawu Xaasawu gamasaaniin, Ayyaanni Fichee Cambalaalaa heddummina Itiyoophiyaa warreen agarsiisan keessaa takko ta’uu ibsaniiru.