Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) –Pireezidaantoonni Naannole Amaaraa, Giddugaleessaa Itiyoophiyaa, Sidaamaa fi Somaalee Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaan ergaa dabarsaniin Ayyaanni Iid Alfaxir ayyaan galataa fi gaarummaa ta’uu ibsan.
Pireezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad gama isaaniin ayyaanni Iid Alfaxir ayyaana jaalalaa, gammachuu fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru.
Iidaan ayyaana waliif yaaduu, walgargaaruu, waloomaa fi tokkummaa ta’uu Pireezidaantiin naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Dooktar Indaashaw Xaasew himaniiru.
Ayyaana jaalalaa, fayyaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.
Akkasumas Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Leeddamoon Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hawaasa Musliimaa fi ummata Itiyoophiyaa maraan baga geessan jedhaniiru.
Ayyaanichi kan jaalalaa, nageenyaa waloomaa, galataa fi eebbaa akka ta’u hawwaniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa