Finfinnee, Bitootessa 28, 2017 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandiin torbee 31ffaan taphni darbii Maanchuuriiyaalii hawwiin eegama.
Taphni Maanchiister Yuunaayitiid har’a galgala sa’aatii 12:30 eegalee Istaadiyeemii Ooldi Tiraafoorditti masaanuu isaa Maanchiister Siitii keessummeessu xiyyeeffannoo argateera.
Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 195 keessaa Maanchiister Yuunaayitiid yeroo 80 yoo injifatu, Maanchiister Siitiin si’a 62 injifachuun yeroo 53 ammoo qabxii qoodataniiru.
Piriimeer Liigichaan har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee taphoonni 3 kan taphataman yoo ta’u, Bireentifoord – Cheelsii, Fuulhaam – Liiverpuul fi Tootenhaam – Saawuuz Hampitan waliin taphatu.
Liiverpuul qabxii 73 liigicha yoo dursu, Arsenaal qabxii 62 sadarkaa 2ffaa fi Nootiingahaam Foresti qabxii 57 sadarkaa 3ffaa qabataniiru.