Piriimeer liigii Ingilaandiin har’a taphoonni murteessoon ni taphatamu

Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Taphoota piriimeer liigii Ingilaandi torbee 34ffaan har’a taphoonni murteessoon ni taphatamu.
Hirmaannaa Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa argachuuf morkachaa kan jiru Cheelsiin har’a saa’atii 8:30 eegalee morkiin Eevartan waliin taasisu ni eegama.
Akkasumas falmiin Niwuukaasiil waaree booda saa’atii 11:00 jalqabee Ipisiwiichi Taawoon waliin falmatu xiyyeeffannoo argateera.
Ipisiwiich Taawoon tapha har’aan yoo injifatame ykn walqixa ba’e taanaan Saawuuz Hampitanii fi Leestar Siitiitti aanee gara shaampiyoon Shiippitti kan gadi bu’u ta’a.
Taphoota biroon Saawuuz Haampitan – Fulhaam, Woolvis -Leestar siitii, Biraayitan – Weest Haam waliin saa’atii 11:00 eegalee ni taphatu.
Comments (0)
Add Comment