Piriimeer Liigii Oromiyaan Galaan Gimbii injifate

Finfinnee, Ebla 13, 2017 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Oromiyaa torbee 16ffaa har’a waaree dura sa’aatii 4:00 irraa eegalee taphatameen Galaan Gimbii injifateera.

Kutaan Magaalaa Galaan galchii 4 fi 0n Magaalaa Gimbii injifateera.

Kana hordofee Galaan qabxii 21 walitti qabachuun sadarkaa isaa gara 6ffaatti fooyyeffateera.

Gullisoon taphni qixxeessituun 1 osoo isa hafuu qabxii 28’n liigicha yoo dursu, Gimbiin qabxii 25’n sadarkaa 2ffaarratti argama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment