Finfinnee, Amajjii 9, 2017 (FMC)- Ayyaanaa Cuphaa fi sirna kataraa Amajjii 10-12, 2017tti Magaala Finfinnee bakkoota garaagaraatti kabajamuuf muddamni tiraafikaa akka hinuumamneef daandiilee konkolaattotaaf cufaa ta’an Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomseera.
Naannawaalee Ayyaanichi kabajamuu hundaatti fageenya meetiraa 500 keessatti Taabonni wayita ba’uu fi galu akkasumas daandiilee irra imalamu yeroo gabaabaafis ta’e, dheeraaf konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu hubachiiseera.
Sirna kataraa fi Ayyaana Cuuphaa Hurufa Boombii (Jaanmeedaa) fi Aqaaqii Qaallittiitti kabajamuuf muddamni tiraafikaa akka hinuumamneef
* Addabaabaayii kiiloo 6 hanga Hospitaala Minilikitti
* Hospitaala Minilikii hanga Addabaabaayii Shaalaqaa 3ffaa Raayya Ittisa Biyyaa
* Addaabaabaayii Shaalaqaa 3ffaa Raayyaa Ittisa Biyyarraa hanga Addabaabaayii Kiiloo 6tti
Naannawaa Aqaaqii Qaallittiitti ammo:
* Warsaa Biiraa Waaliyaa hanga Hospitaala Xurunash Beejiingitti
* Daandii ijoo Aqaaqiirraa hanga Hospitaala Xurunash Beejiingi
* 08 irraa hanga Riqicha Aqaaqiitti, Amajjii 10, 2017 sa’aatii 4:00 irraa eegalee daandiiwwan kunneen konkolaattotaaf cufaa ta’uu beeksiseera.
Konkolaachistoonnis kana hubachuun daandiilee filmaataa biroo fayyadamuu akka qaban Poolisiin Magaalaa Finfinnee dhaameera.
#Oromia #Ethiopia