Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC)- Poolisiin Federaalaa Baatiiwwan ja’an darban bu’aa qorannoo fooransikii ka’umsa balaawwan ibiddaa 103 Magaalaa Finfinnee fi naannawaa birootti mudatanii ifoomse.
Haaluma kanaan balaawwan ibiddaa 50 rakkoo teekinikaa elektirikiin, 11 rakkoo makaanikaalaan, 10 itti yaadamee namaan kan mudate, 17 dhibaa’ummaanii fi 15 ammoo rakkoolee biroon kan mudatan ta’uu mirkaneesseera.
Baatiiwwan ja’an darban Magaalaa Finfinneetti qofa balaawwan ibiddaa 96 yoo mudatan naannolee birootti ammoo torba mudachuu beeksiseera.
Balaawwan mudataaniin manneen jireenyaa 582, konkolaattotaa 12, manneen daldalaa kuma 1 fi 965, warshaalee ja’aa fi dhaabbilee garaagaraarra sababa ibiddaan miidhaan qaqqabuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia