Poolisiin Federaalaa qorannoo Samuuda sanyii 169 gaggeesse

Finfinnee, Guraandhala 1, 2017 (FMC) – Poolisiin Federaalaa baatiiwwan jahan darban qorannoo Samuuda sanyii (DNA)169 gaggeessuu beeksise.

Poolisiin Federaalaa Qorannoo Samuuda sanyii biyya keessatti gaggeessuuf laabraatoorii ammayyaa gurmeessuu fi ogeeyyii ogummaa gahaa qaban leenjisuun erga gara hojiitti galee bu’aa gaariin galmaa’uu ibseera.

Tajaajilli qorannoo DNA biyya keessatti eegalamuun Sharafa alaa olaanaa qorannichaaf bahaa ture hambisuun danda’amuu himeera.

Qorannoon samuuda sanyii sirna haqaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu ibseera.

Keessattuu yakkoota dirqiin gudeeduu, eenyummaa namootaa adda baasuu, mormii haadhummaa fi abbummaan walqabatan qorannoon mirkaneessuuf dandeettii uumuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment