Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Poolisiin Itiyoophiyaa dorgommii Ispoortii Dhaabbata Gamtaa Ajajoota Poolisii Baha Afrikaa 5ffaan dorgommii darbannaa eeboo dubartootaan 1ffaafi 2ffaa bahuun injifateera.
Dorgommichaan Poolisiin Keeniyaa 3ffaa bahuu danda’eera.
Dorgommii darbannaa eeboo dhiirotaan Poolisiin Keeniyaa 1ffaafi 2ffaa yoo bahu, Poolisiin Itiyoophiyaa 3ffaa baheera.
Dorgommii fiigichaa meetira 200 dhiirotaan Poolisiin Keeniyaa 1ffaafi 3ffaa wayita bahu Poolisiin Itiyoophiyaa 2ffaa bahuun xumureera.
Walumaagala Poolisiin Keeniyaa meedaaliyaa 12 keessaa 8 argachuun yoo dursu, Poolisiin Itiyoophiyaa meedaaliyaa 4 argachuun sadarkaa 2ffaarratti argama.