Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin waraana Yuukreen hin dhaabu taanaan qoqqoobbii cimaan akka isa eeggatu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akeekkachiisan.
Taarifa guddaa, qoqqobbiifi gibira olaanatu eeggata jechuun akeekkachiisaniiru.
Tiraamp uummata Raashiyaaf jaalala akka qabuufi Puutin waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Waraana gatii hin qabne kana dhaabi jedhan Pireezidaanti Puutiniin.
Wanta Raashiyaan, Ameerikaa fi biyyoota biraatti gurgurtu hundarra qaraxa, taarifafi qoqqobbii olaanaa ta’e kaa’uu malee filannoo biraa hin qabnu jedhan.
Lubbuun namaa kana caala baduu hin qabdu jechuun Raashiyaa akeekkachiisuu BBCn gabaaseera.
#Oromiyaa #Ethiopia