Qonna gannaan  lafti heektarri Miliyoonni 20 ol midhaaniin uwwifame – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Ebila 5, 2017(FMC) – Qonna ganna darbeen lafti heektarri Miliyoonni 20 ol midhaaniin uwwifameera  jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen.

Kunis raawwii yeroo walfakkaataa waggaa darbee waliin yoo walbira qabamu lafa heektaara miliyoona 3 oliin  caalmaa akka qabu ibsaniiru.

Bara darbe oomisha midhaniin midhaan kuntaalli Miliyoonni 500 fi Miliyoonni 5 argamuu kan eeran Dooktar Girmaan, bara kana oomishni kuntaalli Miliyoonni 600 fi miliyoonni 10 argamuu ibsaniiru.

Gama misooma jal’isiinis bara darbe lafti hektaarri miliyoona 3 qamadiin uwwifamuu fi bara kana  lafa heektaara miliyoona 3.5 irra facaafamuu dubbataniiru.

Itiyophiyaan bara kana guddina dinagdee % 8.4 galmeessisuuf karoorfachuu ishee ibsanii,  karoora kana keessaa %6.1 qonnaan galmeessisuuf karoorri qabamee hojjetamaa akka jiru himan.

Kanas milkeessuuf qonna arfaasaa, gannaa fi jal’isiin galmi kaa’amee hojetamaa jira jedhan.

Milkaa’ina akka biyyaatti galmaa’aa jiruuf kan gumaache kan biraan misooma beelladaa ta’uu kaasanii, keessumaa gama maaddii guutuun hojiiwwan hojjetaman bu’aa fiduu eeraniiru.

Oomishaaleen killee, aannanii, lukkuu,  dammaa  fi qurxummii bu’aa olaanaan kan itti argame ta’uus ibsaniiru.

Sababa qaal’iinsa jireenyaa fi gabaan daballiin gatii oomishaalee nyaataa irratti mul’atee tures  %11.8’n gadi  bu’uu eeranii, kunis oomishni biyya keessaa gara gabaatti seenaa akka jiru argisiisa jedhan.

Ji’oottan salgan darbanitti  oomisni bunaa, abaaboo fi midhaan zayitaa baay’inaan gara alaatti ergamuu eeranii, kanarraas dameen qonnaa  Doolaara biliyoona 2.6 alergiif gumaachuu dubbatan.

Yeroo walfakkaataa bara darbee irraas % 20’n caalmaa qabaachuu kaasan.

Carraa hojii uumuun, wabii nyaataan fi oomishaalee alergiin ji’oottan salgan darbanitti dameen qonnaa gumaacha guddaa buusuu ibsaniiru.

Abeel Niwaayitu gabaase.

Comments (0)
Add Comment