Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)- Qonna Gannaa bara oomishaa 2016/17’tiin hanga ammaatti oomishi qonnaa Kuntaalli miliyoonaa 500 fi miliyoonni 5 argamuu Ministeerri Qonnaa ibse.
Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Mallas Mokonnin, sadarkaa omishni qonnaa fi hortiikaalchaariin irratti argamu ilaalchisuun ibsa kennaniin, Qonnaa Gannaan lafa hektaara miliyoona 20.4 irra sanyiin faca’uu kaasaniiru.
Kanaanis hanga ammaatti oomishni qonnaa kuntaalli miliyoonni 500 fi miliyoonni 5 argamuu eeran.
Qonnaa Gannaa kanaan oomisha kuntaala miiliyoona 600 fi miiliyoona 8 argachuuf karoorfamuu yaadachiisanii, bu’aa hanga ammaatiin karooraa ol oomshni akka argamu kan argisiisu ta’uu himan.
Bara oomishinichaatti misooma Qonna Gannaa, jallisii fi Qamadiin, kuntaala miliyoona 300 fi miliyoona 40 argachuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Misooma Qamadii Bonaa bara 2017’n lafa hektaara miliyoona 4.27 qotuun oomisha kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 73 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeranii, hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 3.41 irraa sanyiin facaafamuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia