Finfinnee, Amajjii 19, 2017(FMC) – Raashiyaan walakkaa bara Faranjootaa eegalamee kanatti yaalii talaallii ittisa kaansarii akka geggeessitu beeksisteetti.
Qorattoonni Raashiyaa waggoota hedduuf talaallii gosoota kaansarii hunda ittisuuf oolu Addunyaaf gumaachuuf carraaqaa turaniiru.
Pirezidaantiin biyyattii Vilaadmiir Puutiinis waggaan dura biyyi isaanii talaallii kaansarii argachuuf akka jirtu ibsanii turuun ni yaadatama.
Kora ‘Fiwuuchar Teeknooloojii’ Moskoo irratti waa’ee saayinsii fayyaa Raashaa kan kaasan Putiin, kaansarii dursanii argachuu fi yaaluu irratti bu’aa gammachiisaan argamuu eeranii, kunis dandeetti kaansarii irraa fayyuu namaa akka guddisu ibsaniiru.
“Talaalliiwwan Inkoo” jedhamuun waamamtu fi kaansarii Ittisuu fi qorichoota dhukkuboota ittisuuf gargaaran argachuuf dhiyaanneerra jedhanii turan.
Yaaliin duraas Baatii Fulbaanaa irraa qophaa’uu ragaaleen kan mul’isan yoo ta’u, bineensota irratti yaalii jalqabaa geggeeffameen hangi xannachaa % 80’n hir’aachuun ibsameera.
Talaallichi yoo ifoomus argannoo Raashiyaa ta’uun galmeen seenaa irratti akka galmeeffamu Putiin yeroo ibsuu isaanii ni yaadatama.
Talaallichi Giddugala Gaameeliyaa, Inistiitiyuutii Qorannoo Onkooloojii fi Giddugala Qorannoo Kaansarii Bilookiin keessatti qindoominaan hojjetamaa akka jiru himameera.
Masarat Awwaqaatiin
#Oromia #Ethiopia