Raawwii karooraa hojii Baatiiwwan saglan darbanii gamaaggamuu eegaleerra- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 4, 2017 (FMC) – Raawwii karooraa hojii baatiiwwan saglan darbanii dameelee garaagaraa gamaaggamuu eegaleerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasumma isaaniin, har’a raawwii karoora hojii baatiiwwan saglan darbanii dameelee garaagaraa gamaggamuu eegaluu ibsaniiru.

Gamaaggamichaan karoora baatiiwwan sadan itti aanaanii cimsuuf yaadota deeggaranirratti marii ni gaggeessinas jedhan.

Hanga ammaatti bu’aan hojii milkeessine bal’aa ta’uus, milkaa’inni argame osoo nuun dagiin guddina caaluuf nu kakasuu qaba jechuun ibsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment