Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Ilaalcha gargaaramtummaa dhabamsiisuun rakkoolee dandeettii ofiin dandamachuuf inisheetiiviiwwaniifi hojiileen riifoormii biyyaalessaa bu’aa argamsiisaa jirachuu Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Mootummaan jijjiiramaa riifoormiiwwan badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessan gaggeessuu obbo Tamsageen ibsaniiru.
Riifoormiiwwan biyyaalessaafi jijjiiramoonni imaammataa hajimaatilee ammayyaa diriirsuun dandeettii raawwachiisummaa dhaabbilee guddisuu himaniiru.
Mootummaan uummata keessa taa’ee uummata waliin kan hojjetuufi kan dhaggeeffatu ta’uu kaasanii, hojiilee olaantummaa namoomaafi badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessan hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Itiyoophiyaan ejjennoo cimaa rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa barbaada jedhu qabaachuu himuun, kunis Afrikaanota hunda biratti fudhatamummaa argachaa akka dhufe ibsaniiru.
Baatiiwwan 9 darban hojiileen diinagdee, siyaasaafi dippiloomaasii waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti dhageeffatamummaa Itiyoophiyaa guddisaniifi hawaasa fayyadamoo taasisan hojjetamuu eeraniiru.
Yeroo itti aanuttis kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuun cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia