Rakkoon nageenyaa naannoo Amaaraa mudatee ture ilaalcha siyaasaa finxaalessummaan wal qabatudha – Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Naannoon Amaaraa yeroo kamuu caalaa imala misoomaa fi nageenya fooyya’aarratti kan argamu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa obbo Araggaa Kabbadaan ibsan.

Rakkoon nageenyaa naannicha mudatee ture ilaalcha siyaasaa finxaalessummaan kan wal qabatu ta’uu kaasaniiru.

Humnoonni finxaaleyyii miidhaa namoomaa, qabeenyaa, hawaasummaa fi xinsammuu ummata naannicharra qaqqabsiisuu eeraniiru.

Yeroo ammaa naannichatti nageenyi waara’uun hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hojjetamaa jiraachuu obbo Araggaa Kabbadaan dubbataniiru.

Ummanni naannichaa eenyummaa finxaaleyyii sirnaan hubachuun mootummaa cinaa ta’uun hojiin nageenya waaressuu hojjetame bu’aa gaarii galmeessuu himaniiru.

Yeroo ammaas naannicha imala misoomaa fi nageenya fooyya’aarratti kan argamu ta’uu ibsaniiru.

Nageenya argame caalmaatti waaressuuf ummanni naanichaa mootummaa cinaa ta’uun tumsa taasiisan cimsanii akka itti gaafachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment