Finfinnee, Guraandhala 26, 2017 (FMC) –Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara 2017’f biqiltuuwwan gosa adda adda biiliyoona 5 fi miiliyoona 500 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.
Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir Faanaa Diijitaaliif akka himanitti, biqiltuuwwan kanneen keessaa hanga ammaatti biiliyoonni 3 fi miiliyoona 200 fi kuma 49 ol buufataalee biqilltuu garaagaraa keessatti qophaa’uu himaniiru.
Biqiltuuwwan faayidaa hunda galeessa muduraa, leemmanaa fi nyaataa beeyladaaf oolan buufataalee naannoo Oromiyaa keessatti qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Amanamummaa qabiinsa ragaa cimsuuf Lafa dhaabbii biqilaaf qophaa’ee heektaara miiliyoona 1.2 keessaa lafti heektarri kuma 500 ol sirna qabiinsa ragaa ammayyeessuu (GPS)’n adda baafamuu dubbataniiru.
Bara darbe Sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan gosa adda adda biiliyoonni 4.9 dhaabamu eeruun, kana keessaa %84 latuus himaniiru.
Bara kanas Biqiltuu biiliyoona 5 ol dhaabuuf qophii irra jiraachuu kaasaniiru.
Qophii biqiltuuf xiyyeeffannoo kennuu fi galteewwan yeroon dhiyeessuun biqiltuun baay’inaa fi qulqullinaan qophaa’aa jiraachuu eeraniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.