Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC) – Seenessa waloo fi tokkummaa sabdaneessaa biyyaalessaa caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa ibsan.
Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii Idilee 2ffaa Amajjii 23 -25, 2017 gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarseera.
Murtoo yaa’ichaan darbe kana milkeessuuf murannoon kan hojjetan ta’uu hoggantoonni paartichaa ibsaniiru.
Seenessi waloo kutaalee hawaasaa biratti hundee jabeeffachuun tokkumaa sabdaneessaan akka cimuuf kutannoon hojjenna jedhan.
Aadaan Siyaasaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti uumame Seenessa qeenxee hambisuun seenessa waloo kan babal’isu ta’uu Minseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Afaar Mahaammad Huseen himaniiru.
Walummaa Itiyoophiyaanootaa cimsuuf seenessi waloon murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa Imala Olka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf cichoominaan kan hojjetu ta’uu Miseensi Mana Maree Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Beenishaanguul Gumuuz Obbo Isaaqa Abduulqaadir dubbataniiru.
Seenessa waloo Itichuun hariiroo ummattootaa fi Tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf Paartiin Badhaadhinaa qooda dusrummaa isaa sirnaan kan bahu ta’uu himuu TOI gabaaseera.