Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Hojii gama kominikeeshiiniin hojjetameen seenessi waloo duudhaa obbolummaa sabdaneessaa irratti hundaa’e ijaarameera jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan.
Biiroon Kominikeeshiniin Oromiyaa caasaa isaa sadarkaa Godinaalee fi Magaalotaa waliin raawwii hojii kurmaana 3ffaa qorachaa jira.
Bara kana hojii gama kominikeeshiiniin hojjetameen seenessi waloo duudhaa obbolummaa sabdaneessaa irratti hundaa’e ijaaramuu obbo Haayiluu Addunyaa gamaaggamicharratti haasawaa taasisaniin ibsaniiru.
Biyya jabduu tokkummaa sabdaneessaa irratti hundoofte ijaaruuf hojiin hojjetamaa jiru gaarii ta’uu kaasuun, gama hojii nageenyaatiins Naannichi gara tasgabbii nageenyaatti akka cee’uuf hirmaannaan uummataa guddaa ta’uu fi hojiin kominikeeshinii bal’inaan hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Hawaasni injifannoo argate akka tifkatu, tokkummaa isaa duudhaa tokkummaa sabdaneessaa irratti akka itichuu fi seenessi waloo akka lafa qabatu hojjechuun daran barbaachisaa ta’uus himaniiru.
Injifannoo balballoomsuuf karaa qindoomina qabuun hojjechuun murteessaa ta’uu kaasuun, maqaa gaarii naannichaa beeksisuu fi tokkoomuu uummataa itichuuf caalmaatti hojjechuun barbaachisaa ta’uu obbo Haayiluun dubbataniiru.
Ajandaa mootummaa qabsiisuufi hojii kominikeeshinii ajandaan hogganuun ga’ee kominikeeshiinii sadarkaan jiruu waan ta’eef xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.