Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) –Taphoota nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a Arsenaal Riyaal Maadriidiin keessummeessu ni eegama.
Taphni nuusa xumuraa marsaa jalqabaa kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee taphatama.
Kilaboonni lamaan bara Faranjootaa 2006 taphoota moo’anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa waliin taphataniin Arsenaal injifachuun kan yaadatamuudha.
Taphoota biroon taphni Baayerni Muunik Intermiilaan waliin taphatu ni eegama.