Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Sirna bulchiinsa sanyii biqiltuu bu’a-qabeessa ta’e diriirsuun oomushtummaa qonnaa guddisuuf hojjetamuu akka qabu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu hubachiisan.
Hojimaata harkifataa sanyii biqiltuu baayyisuu, dhiheessuufi rabsuun walqabatee jiru furuuf koreen Qindeessa Bulchiinsa Sanyii Biqiltuu Naannoo Oromiyaa sekteraalee qooda-fudhattoota ta’an, dhaabbilee sanyii baay’isaniifi dhaabbilee sanyiirratti deeggersa kennan waliin wiixinee qajeelfama bulchiinsa sanyii biqiltuu Naannoo Oromiyaa dhiyaate hojiirra oolchuun akkaataa danda’amu irratti mari’atameera.
Dhimmi sanyii biqiltuu oomishaafi oomishtummaa qonnaa itti fufsiisuu fi guddisuu murteessaa waan ta’eef sanyii biqiltuu karaa sirnaawaa ta’een bulchuufi itti fayyadamuurratti qajeelfamni qophaa’e kana hojiirra akka ooluuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu obbo Geetuun hubachiisaniiru.
Sekteroonni cancala sanyii biqiltuu baayyisuufi rabsuurratti hojjetan hundi labsiidhaan angoo kennameefiin osoo hin daangeffamiin qajeelfama bulchiinsa sanyii biqiltuu qophaa’e kana hojiirra oolchuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf tumsuu akka qabanis obbo Geetuun kallattii kaa’aniiru.
#Oromia #Ethiopia