Finfinnee, Bitootessa 23, 2017(FMC) – Sirna kana ittichuuf diinagdeen of danda’uun murteessaadha jedhan Itti gaafatamaan Ijaarsa Paartii Badaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan.
Guyyaa injifannoo Bitooteessa 24 sababeeffachuun sagantaan waarii artii bakka Hooggantoonni Olaanaa Naannoo, Artiistoonni, Abbootiin Gadaafi diyaaspooraa akkasumas keessummoonni garaagaraa argamanitti geggeeffamaa jira.
Dooktar Mangistuu Baqqalaa sagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin, Oromoon wareegamaafi qabsoo obsa fixachiisaa kan taasiseef biyya kana keessatti uummanni Oromoofi sabaafi sablammoonni biroon walqixxummaan akka jiraataniif ta’uu ibsaniiru.
Kunis Mootummaa yaadama Paartii Badhaadhinaan hoogganamuun qabatamaan mirkanaa’aa jira jedhan.
Aartiifi Aadaan Oromoo moggaatti dhiibamee tureefi dhiibbaan garaagaraa irratti qaqqabaa ture injifannoo Bitooteessa 24n argameen akka dagaagu taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Badhaadhinni kan dhugoomu badhaadhina maatii yoo mirkanaa’e ta’uu kaasanii, kanaafis mootummaan xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Sirna kana itichuuf diinagdeen of danda’uun murteessaa ta’uu eeranii, kana milkeessuufis naamusa hojii cimaa horachuun barbaachisaa ta’uu himuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.