Tajaajila Loojistiksii daran ammayyeessuuf hojjetamaa jira –Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Leenjiin Shamarran damee Loojistiksii irratti  bobbasuuf dandeessisu kennamuu eegaleera.

Leenjichi shamarran 100 naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaarraa walitti babba’aniif kan kennamu ta’uun ibsameera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen, dameen loojistiksii diingadee biyyaaf murteessaa waan ta’eef tajaajilli isaa si’achuufi ammayyaa’uu qaba jedhan.

Kanaafis humna namaa leenji’ee horachuun kan barbaachisuu ta’uu eeruun, leenjichaan hanqinaalee damichaan mul’atan furuun ni danda’ama jedhan.

Leenjichaan shamarran kutaalee biyyatti guutuu keessaa walitti baba’an kan hirmaatanii fi damicha beekuun caalmaatti akka qorataniif hubachiisaniiru.

Leenjifamtonni kunneen kanaan dura dameelee garaagaraan kan eebbifamaniifi hojii barbaadaa kan turan ta’uun eerameera.

Shamarran kunneen baatiwwan saddeetiif erga leenji’anii booda bobbiin hojii kan kennamuuf ta’uun ibsamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment