Tajaajila wal’aansa Dhibee hatattamaa fi Cimaa fooyyeesuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FMC)-Tajaajila wal’aansa Dhibee hatattamaa fi Cimaa fooyyeesuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Itiyoophiyaatti lammiilee sababa balaa uumamaa fi namtolcheen dhibee tasaa fi cimaaf saaxilamaniif tajaajila wal’aansaa sadarkaa isaa eeggate kennuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugummaan Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.

Tajaajilichi sirna fayyaa deebi hatattamaa laatu ijaaruu fi du’aatii fi miidhaa qaamaa lammiilee  hir’isuuf kan dandeesisu ta’uus Dooktar Darajjeen  kaasaniiru.

Yeroo amma tajajailli fayyaa hatattamaa fi cimaaf kennamu fooyya’aa dhufu eeruun, fuulduratti cimsuuf ogeessa gaha damichaan horachuun baarbaachiisa ta’uu dubbataniiru.

Ministeerri Fayyaa qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Pireezidaantiin Waldaa Ogeessota Wal’aansa Hatattamaafi Cimaa Itiyoophiyaa Dooktar Waldasanbat Waagaanoo gamasaaniin, waldichi lammiilee sababa garaagaraan dhibichaaf saaxilamaniif tajaajila kennaa jira jedhan.

Guutuu biyyaatittii kutaalee wal’aansa hatattamaa 30 fi wal’aansa Cimaa 119 keessatti tajaajilichi kennamaa jiraachuus ibsaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

 

#Oromia #Ethiopia

 

 

 

Comments (0)
Add Comment