Finfinnee, Guraandhala 13, 2017 (FMC)-Tajaajila wal’aansa fayyaa ceesisuuf qorannoowwan hojjetaman hojiitti hiikuu akka gaafatu Ministeerri Fayyaa hubachiise.
Yuunivarsiitiin Wallaggaa Konfiraansii qorannoo Idil Addunyaa mata dure “Qorannoowwan kalaqaa fi teeknoloojiitti gargaaramuun gara gochaa fi imaammataatti jijjiiruun tajaajila sirna fayyaa foyyeessuu” jedhuun geggeessaa jira.
Konfireensicharratti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, tajaajila wal’aansa fayyaa ceesisuuf qorannoowwan hojjetaman, kalaqaa fi teeknoloojiin utubuun, hojiitti hiikuu gaafata jedhan.
Akka biyyaatti tajaajila wal’aansa fayyaa haqa qabeessaa fi walqixa tahe waliin gahuuf mootummaan hochaa akka jirus dubbataniiru.
Oggeeyyiin ogummaan akka ga’ooman, sirni bulchinsa fayyaa akka ammayyaa’u, tajaajila fayyaa dijitaalessuu fi madda faayinaansii tajaajilaa fayyaa hirkattumma keessaa baasuun dandeettii biyya keessaan cimsuurratt xiyyeeffatamuu himaniiru.
Pireezidaantiin Yuunvarsiitii Wallagga Dooktar Tasfaayee Lammaan gama isaaniin, Yuunvarsiitichi qorannoo fi qo’annoo rakkoo furan hedduu hojjechaa jira jedhaniiru.
Konfiransii kanarratti yuunivarsitiiwwan biyya keessaa fi alaarra qorattoonni bu’aa qorannoo isaanii dhiyeessaa jiraachuun eerameera.
Galaanaa Tasfaa fi Tasfaayee Fiqaaduutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia