Tapha Nuusa xumuraa waancaa Itiyoophiyaan Shaggar Bahiirdaar injifachuun walakkaa xumuraaf darbe

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Tapha Nuusa xumuraa Waancaa Itiyoophiyaa har’a waaree booda taphatameen Kilabni Kubbaa Miilaa Magaalaa Shaggar Bahiirdaar injifachuun walakkaa xumuraaf darbeera.
Taphni sa’aatii idilee galchii 1 qixa xumuramuu hordofee rukkuttaa adda bahiinsaan Shaggar galchii 4 fi 3n Magaalaa Bahiirdaar injifachuun tapha walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffateera.
Comments (0)
Add Comment