Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) –Tapha walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni marsaa jalqabaa har’a Arsenaal PSG waliin taphatu ni eegama.
Taphni walakkaa xumuraa marsaan jalqabaa kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee taphatama.
Arsenaal waggoota 19 booda xumuraaf darbuu yoo morkatu, PSG’n ammoo waggaa 5 booda xumuraaf darbuuf falmata.
Kilaboonni lamaanuu seenaa isaanii keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifatanii hin beekan.
#Oromia #Ethiopia