Taphoonni nuusa xumuraa waancaa FA har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Taphoonni nuusa xumuraa waancaa FA Ingiliiz har’aa eegaluun taphatamu.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:15 eegalee falmiin Fuulhaam Kiristaal Paalaas waliin taasiisu ni eegama.

Halkan sa’aatii 2:15 eegalee Biraayitan Nootingahaam Foresti waliin taphata.

Boru waare booda sa’aatii 10:30 jalqabee Pireestoon Astoon Viilaa waliin yoo morkatu, halkan sa’aatii 1:30 jalqabee Boornimaawuuz Maanchiister Siitii waliin taphata.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment