Taphoota deebii nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan falmiin Riyaal Maadriidii fi Arsenaal gidduutti taasifamu ni eegama

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Taphoota deebii nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan falmiin har’a Riyaal Maadriidiifi Arsenaal gidduutti taasifamu hawwiin eegama.

Riyaal Maadriid morkii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan hanga ammaati waancaa 15 fudhateera.

Morkii Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaan kilaboota 111 injifateera.

Kilaboota waliin taphate keessaa Arsenaalirratti galchii lakkoofsisees injifatees hin beeku.

Arsenaal ammoo galchii 4 Riyaal Maadriid irratti lakkoofsiseera.

Har’a halkan sa’aatii 4:00 jalqabee yeroo 4ffaaf waliin falmatu.

Tapha biroon taphni Intar Miilan Bayerni Muuniik keessummeessus ni eegama.

Tapha marsaa jalqabaan Inter Miilaan galchii 2 fi1n Baayern Muuniik injifachuun ni yaadatama.

Tapha eda taphatameen Baarseloonaa fi PSGn walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment