Tarkaanfiin namoota gocha seeraan alaarratti hirmaatanirratti fudhatamu cimee itti fufa – Tajaajilicha

Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC) – Tarkaanfiin namoota gocha seeraan alaarratti hirmaatanirratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii beeksiise.

Yakki Nageenya Faayinaansii miidhaan biyyarratti qaqqabsiisu olaanaa ta’uu hordofee Itiyoophiyaan yakkicha to’achuu fi ittisuuf seera baaftee hojiitti hiikuu eegaluu tajaajilichi himeera.

Maallaqa Yakkaan argame seera qabeessa fakkeessanii dhiyeessuu fi tumsa Shororkeessitootaaf taasifamu ittisuu fi to’achuuf labsiin lakkoofsi 780/2005 hojiirra oolaa jiraachuun kan yaadatamuudha.

Kun akkuma jirutti ta’ee qaamoleen tokko tokko seera kana akka burjaajiitti fayyadamuun maqaa dhaabbilee garaagaraan hojii waliin dhahuu fi sodaachisuun maallaqa fudhachuuf socho’aa jiraachuu ragaan argame kan mul’isu ta’uu himeera.

Namoota dhuunfaa karaa gurmaa’een socho’aa turan keessaa namoonni 3 Amajjii 9, 2017 harkaa fi harkatti to’atamuun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu ibseera.

Kanneen hafanis to’annoo jala oolchuuf hojjetamaa jiraachuu eereera.

Tajaajilichi Eeruu argatee fi odeeffannoo mataa isaa bu’uura taasiisuun namoota yakka waliin dhahuu dabalatee yakkoota Faayinaansii raawwatamu keessatti hirmaatan seeraatti dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu himeera.

Hawaasni gochaa maallaqa yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuuf yakka waliin dhahuu raawwatamu waayita argan lakkoofsa bilbilaa 9796 irratti bilbiluun eeruu akka kennan tajaajilichi waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment