Finfinnee, Guraandhala 5, 2017, (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi, Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin waraana Raashiyaa- Yuukireen dhaabuuf ariitiin marii eegaluuf ta’uu ibsaniiru.
Donaaldi Tiraampi gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Gareen Gurmaa’anii Ariitiin mariin akka eegalamu waliigalleera ,Pireezidaantii Yuukireen Zeleenskiis bilbillee waa’ee marichaa ni beeksifna kunis waanta anii taasisuudha “ jedhan.
Pireezidaantii Puutiini fi Doonaaldi Tiraampi bilbilaan sa’aatii 1fi walakkaa haasa’uun qaamaan wal arguuf waliigaluu beeksisuu isaanii ‘Reuters’ gabaaseera.
Doonaaldi Tiraampi akkamiin akka milkeessaan ifa ta’uu baatus waraana Raashiyaa fi Yuukireen ariitiin kan dhaabsisan ta’uu irra deddeebiin dubbachaa turuun ni yaadatama.
#Oromia #Ethiopia