Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)- Baatii Sadaasaa darbe kan filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa injifatan Doonaldi Tiraampi teessoo pireezidaantummaa akkuma qabataniin ajajawwan garaagaraa 200 ni mallatteessuun kan eegamuu ta’uun gabaafame.
Sagantaa jala bultii guyyaa kakuu galuu qophaa’erratti haasawaa kan taasisan Tiraampi, kakuu raawwatanii sa’aatii muraasa booda godaantonni biyyaa akka bahan gochuu dabalatee ajajawwan garaa garaa akka mallatteessan akeekaniiru.
Ameerikaaf dursa kennina jechun kan dhaga’aman Doonaaldi kunis har’a wayitaa teessoo qabatan irraa ka’ee kan eegaluudha jedhan.
Kanaanis ajajawwan 200 ol ni mallatteessa jedhamee kan eegamuu ta’uu BBC’n gabaaseera.
Sagantaa hubannoo namtolchee jabeessuu, Biiroo Gahuumsa Mootummaa hundeessuu, ajjeechaa pirezidaantii duraanii Joon F Kenedii kan bara 1963 rawwate ilaalchisee ragaaleen akka ifa ta’an gochuu fi sirna ittisaa humna waraanaa “Iron Dome” jedhamu akka hojjetuu fi humna waraanaa keessatti imaammanni daneessummaa, qixa fayyadamummaa, hammatamummaa haquu fi ajajawwan biroo akka mallateessan beeksisaniiru.
#Oromia #Ethiopia