Tokkummaa biyyaalessaa ijaaruun sirna siyaasaa tasgabbaa’aa ijaaruuf dandeessisa – Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Tokkummaa biyyaalessaa ijaaruun sirna siyaasaa tasgabbaa’aa fi Guddina diinagdee cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan.

Fooramiin qaamolee garaagaraa hirmaachise mata duree’Hirmaannaa lammiilee maree biyyaaleessaa hammataa fi ijaarsa sirna Demookiraasiif,’ jedhuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaggeeffameera.

Tokkummaa biyyaalessaa ijaaruun bu’aa ba’ii hedduu kan qabu, yeroo kan fudhatuu fi murannoo kan gaafatu ta’uu Dooktar Geediyoon himaniiru.

Tokkummaan biyyaalessaa dhabamuun walitti bu’iinsa wal waliinii kan uumu, kufaatii qabeenyaa Diinagdee fi shira alaaf biyya kan saaxilu ta’uu eeraniiru.

Dogogora seenaa fi badiirraa barachuuf qophii ta’uu fi fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuun murteessaa ta’uu dubbachuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment