Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)- Ulaagaalee madaallii fayyaa hedduudhaan Itiyoophiyaan bu’aa fooyya’aa galmeessuu Daayrektarri Olaanaa Giloobaal Fandi Piiter Saandis ibsan.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan jila Daayrektara Olaanaa Giloobal Fandiin durfamu waliin Faayinaansii fi ittisa dhibeewwaniirratti mari’ataniiru.
Dooktar Maqdas maricharratti, Itiyoophiyaan damee fayyaan hojiilee sagantaa fayyaa hojjettuurratti deeggarsa dhaabbilee tumsitootaa barbaachisa jedhan.
Giloobaal fandi deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffatanii, dhaabbatichi dhibbeewwan akka HIV, Tiibii fi Busaa ittisuurratti deeggarsa taasiseef galateeffataniiru.
Tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaa fi sirna fayyaa waliigalaa fooyyessuuf tattaaffiiwwan taasifaman irratti dhaabbatichi deeggarsa taasisuu akka itti fufu gaafataniiru.
Piitar Saandis gama isaaniin, Itiyoophiyaan ulaagaalee madaallii fayyaa hedduun bu’aa galmeessuu ibsanii, Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuutti akka boonaan himaniiru.
Walta’iinsi jiru bu’aa olaanaa galmeessuun pirojektoonni Giloobaal Fandi bu’aa qabeessa ta’uu isaaniif ragaa ta’uu beeksisaniiru.
Biyyoonni Afrikaa damee fayyaaf xiyyeeffannaa kennuu akka qaban yerootti waliigalteerra ga’aniidha jedhanii, Itiyoophiyaan baajataa fayyaaf ramaddu dabaluun fakkeenyaa ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
#AU #Oromia #Ethiopia