Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan kabaja ayyaana Fichee Cambalaalarratti argamaniiru.
Ummanni dursee yeroo lakkaa’uu beeku ummata qaroomaadha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin.
Ummanni Sidaamaa saba aadaa qaroominaafi eenyummaa ulfaa qabu; ummata dhaha mataa isaa qabu, ummata Oromoo waliin ammoo hariiroo ollummaarra ce’e, hidda latiinsaa, seenaafi aadaa walfakkaatu waliin qooddatuudha jedhan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Xanno fiche chanballalate ayyanira hawallw keeruni illishne illshinke datcha ayyana.
Guyyaa har’aa qaama kabaja ayyaana bara haaraa ummata obbolaa keenyaa Sidaamaa Fichee Canbalaalla bara 2017 ta’uu kootiin kabaja guddaatu natti dhagahama.
Asumaanis ummata Sidaamaafi ummatoonni biyya keenyaa hundi baga ayyaana bara haaraa Fiichee Cambalaallaa nagaan geessan, geenye jechuun barbaada.
Ummanni Sidaamaa saba aadaa qaroominaafi eenyummaa ulfaa qabu; ummata dhaha mataa isaa qabu, ummata Oromoo waliin ammoo hariiroo ollummaarra ce’e, hidda latiinsaa, seenaafi aadaa walfakkaatu waliin qooddatuudha. Duudhaan kabaja Fichee Cambalaallaas kana mirkaneessa.
Guyyaan kabaja Sirna Fiichee Cambalaallaa ayyaantuuwwanifi hayyuuwwan Sidaamaatiin akeekamu yoota’u, kabajni ayyaanichaa ammoo xiqqaaf guddaa, lagaafi gosa osoo hinqoodin dhala namaa hunda kan hirmaachisu ta’uun hariiroo gaarii ummanni Sidaamaa saboota biroo waliin qabuuf ragaa guddaadha. Kunis, sirnichi mallattoo walqixxummaa, bulchiinsa gaarii, hariiroo cimaafi waliin jireenya obbolummaa bu’uura kan taasifate ta’uu kan dhugoomsudha.
Ummanni dursee yeroo lakkaa’uu beeku ummata qaroomaadha. Ummanni Sidaamaa baroota durii irraa kaasee beekumsaafi falaasama gadifagoo, qaroomina bara lakkaa’uun hawaasummaafi siyaas-dinagdee ittiin gaggeeffatu kan qabudha. Itoophiyaa tokkummaa cimaafi badhaadhina goonfatte dhugoomsuf, aadaa, duudhaafi ilaalcha ummattoota maraa, qaama eenyummaa tokkoon tokkoon keenyaa taasisnee fudhachuu qabna. Akkuma gamtaafi tokkummaan ibsituu Fiichee Cambalaalaa ta’e, nus hafuura tokkummaa keenya haaromsuutiin bara haaraa kana eegaluu qabna.
Dhumarrattis, Fiichee Canbalaallan ulfinaafi falaasama ummata Sidaamaa ibsuurra darbee, qabeenya guddaa biyya keenyaa waan ta’eef, misoomsufi beeksisuun gahee ummata Sidaamaa qofa osoo hintaane, kan ummattoota biyya keenyaa cufaa ta’uu ibsaa, irra deebiin baga geessan, baga waliin geenye jechaa, barri kun bara milkii, badhaadhinaafi bara diinonni Itiyoophiyaa hundi itti jilbiifatan akka ta’un hawwiin qabu ibsuun barbaada.
Fichee Canbalaalla keereho!
Fichee Canbalaalla Mittimmate!
Fichee Canbalaalla Rodiimmate!
Ayyaanu Ninkehono! Baalunkuhono!
Hawalle Sidaamu Daga Haaru Diri Soorro, Fichee-Canbalaallate Ayyaanira Keerunni Illishi’ne/nke!
Galaxeemmo!!
#Oromia #Ethiopia