Uummatni Oromoo obbolaa isaa uummata Sidaamaa waliin michooma jabaa qaba – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Ayidee Cambalaalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Fiichee Cambalaalaan ayyaana guddaa uummatni Sidaamaa falaasama muuxxannoo jireenyaan gonfate ayyaana ulfoo sirnoota garaa garaan kabajamudha jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Ayidee Cambalaalaa

Baga jijjiirraa bara haaraa Fiichee Cambalaalaa nagaan geessan!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Uummata Sidaamaa biratti bifa ho’aa ta’een kan kabajamu Ayyaana Fiichee Cambalaalaa baga nagaan geessan baga waliin geenye jechuun dhaamsa hawwii gaarii bara haaraa qabu dabarsa.

Fiichee Cambalaalaan ayyaana guddaa uummatni Sidaamaa falaasama muuxxannoo jireenyaa gonfateen kan ijaarrate ayyaana ulfoo guddaa sirnoota garaa garaan kabajamudha.

kunis Ayyaana jijjiirraa bara haaraa falaasama guddicha Uummatni Sidaamaa qabuufi horata biyya keenyaa galmee Kiiliyaa Addunyaatti galmaa’ee jirudha.

Jijjiirraa bara haaraatti uummatni Sidaamaa Fiichee Cambalaalaa bifa ho’aan kan kabajatu sirna guddaa guddummaa sabichaa mul’isudha.

Akka biyyaatti beekamtii heera mootummaatiin kennameen naannoleen sirna ofiin of bulchuu shaakalaa dhufuu isaanitiin barii jijjiiramaa irraa eegalees waloomatti ulfina horuufi sabdaneessummaa olkaasuun milkaa’aa dhufeera.

Sabdaneessummaan keenya beekumsa xabboo qabnuun gabbatee mirga ofiin of bulchuun tumsamee saboonni injifannoo isaanii akka dhamdhaman taasiseera.

Obboleeyyan keenya Uummanni Sidaamaas mirga ofiin of bulchuu gonfachuun aadaafi duudhaa isaa guddifachaa uummattoota obbolaa biroo waliin ta’uun tokkummaafi jaalalaan jiraachuuf qabsoo taasisaa turameen jijjiiramaan booda Naannoo mataa isaa hundeeffatee karaa guutuu ta’een of bulchaa, aadaaf duudhaasaa olkaasaa injifannoo dhamdhamaa jira.

Uummatni Oromoo obbolaa isaa uummata Sidaamaa waliin yeroo gaddaas ta’e gammachuu waliif birmachuun waggoota dheeraa duraa eegalee michooma jabaa uummatee jiraachaa kan dhufedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas Mootummaa Naannoo Sidaamaafi Uummata Sidaamaatiin baga jijjiirraa bara haaraa Fiichee Cambalaalaa nagaan geessan baga waliin geenye jedha.

Ayyaanichi kan nagaa, gammachuu fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

Ayidee Cambalaalaa

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Bitootessa 18/2017

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment