Uwwisni daandii Itiyoophiyaa kiiloo meetira kuma 100 fi kuma 71 ga’eera-Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC)- Uwwisni daandii Itiyoophiyaa kiiloo meetiraa kuma 100 fi kuma 26 ture kiiloo meetira kuma 100 fi kuma 71 ga’uu Ministeerri Magaala fi bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Yaa’iin Daandii Biyyaalessaa Magaalaa Goondaritti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii akka jedhanitti, Itiyoophiyaan bara 2030tti fakkeenya badhaadhinaa Afrikaa ta’uuf imala misoomaa taasisaa jirtuun dameen daandii gahee olaanaa qaba.

Mootummaan damee misoomaaf xiyyeeffannaa olaanaa kenneen baatiiwwna 6’n darbanitti bu’aalee bal’aa galmeessuu kaasaniiru.

Uwwisni daandii kiiloo meetira kuma 100 fi kuma 26 ture kiiloo meetira kuma 100 fi kuma 71 ga’uu himaniiru.

Kutaalee biyyattii garaagaraatti ijaarsi pirojektoota dandii 160 kiiloo meetira kuma 10 fi 692 dheeratan eegaluu himanii, kanneen keessaa pirojektoonni 51 xumuramuu dubbataniiru.

Daandiilee ariitii guddina diinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa qaban babal’isuuf hojiilee eegalamaniin daandilee Finfinneerraa kallattii hundaan ba’anirratti qorannoo taasisuun itti fufa jedhan.

Yaa’ichi raawwii baatiiwwan ja’an darbanii sadarkaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa kan qoratu ta’uun ibsameera.

Keessumaa walitti hidhamiinsa daandii baadiyyaa jalqabbii sagantaa wabii nyaataa irratti ciminootaa fi hanqinaalee mudatan irratti kan mari’atamu ta’uun ibsameera.

Beezaawwiit Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment