Finfinnee, Ebla 9, 2017(FMC) – Taphataa ittisaa Liivarpuul kan ta’e Varjiil Vaandaayik waliigaltee waggaa lamaaf kilabicha keessa isa tursiisu mallatteesse.
Amballiin Kilaba Anfiildi umrii waggaa 33 kun waliigalteen kontiraataa kanaan dura mallatteesse dhuma bara dorgommii kanaa irratti waan xumuramuuf kontiraata haaraa kana mallatteesseera.