Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin guyyaa injifannoo Raashiyaa sababeeffachuun labsii dhukaasa dhaabuu gamtokkee yeroo labsaniiru.
Labsiin dhukaasa dhaabuu gamtokkee kun bara Faranjootaa Caamsaa 7 – 10, 2025tti kan turu ta’uu Kareemliin beeksifteerti.
Bu’uura kanaan guyyoota jedhame kana keessa Loltoonni Raashiyaa kutaa waraanaa hundarratti argaman dhukaasa kamiiyyuu akka hin dhukaafne dhorkamuun eerameera.
Yaa ta’uutii Yuukreen labsii kana cabsuun yaalii haleellaa raawwatte taanaan duub deebiin barbaachisu kan kennamuuf ta’uutu himame.
Raashiyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu waaraa taasiisuuf Yuukreen waliin mari’achuuf qophii ta’uu mirkaneessiteerti.
Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia