Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Waggoottan lamaan dhufan keessa Yuunivarsiitiiwwan mootummaa 10 gara ofiin of bulchuutti ceesisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan himan.
Yuunivarsiitiwwan giddugala beekumsa dhugaa akka ta’an hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Piroofeesar Birhaanuun guyyaa hundeeffama Yuunivarsiitii Goondar waggaa 70ffaarratti argamaniiru.
Yuunvarsiitiiwwan dhaabbilee madda beekumsaa sirrii ta’uun, bakka nageenyaa fi dhugummaa akka ta’an hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.