Finfinnee, Guraandhala 24, 2017 (FMC) – Walga’iin Jalqabaa Koree Waloo Daldala Daangaarraa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa magaalaa Bishooftuutti taa’amaa jira.
Kaayyoon walga’ichaa sadarkaa raawwii Pirootokoolii Daldala Daangaarraa biyyoonni lameen mallatteessan gamaaggamuuf ta’uu Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaatti Ministir Deetaan Damee Walitti Hidhamiinsa Daldalaa fi Piroomooshinii Daldala Alaa Aadde Yaasmiin Wuhaabrabbii eeraniiru.
Dabalataanis gara fuulduraatti waliigalticha hojiirra oolchuun haala hariiroo gam-lamee cimsuun danda’amurratti mari’achuuf ta’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia