Waliigalteen nageenyaa kanaan dura taasifame naannoo Somaaleetti nageenyaafi tasgabbii uumeera- ABBO

Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Waliigalteen nageenyaa kanaan dura Mootummaa Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen( ABBO) gidduutti taasifame naannoo Somaaleetti nageenyaafi tasgabbii uumuu ABBO beeksise.

Ibsi Magaalaa Naayiroobiirraa maqaa ABBO’n bahe dhaabbicha bakka kan hin buune ta’uu addichi ibseera.

Waliigalteen Mootummaa Itiyoophiyaa fi ABBO gidduutti mallattaa’e walitti bu’iinsa waggoota dheeraaf naannicha keessa ture dhaabuu miseensonni Koree Mana Maree Addichaa ibsaniiru.

Hogganaan Mana Maree Giddugaleessaa ABBO Ahimad Abdullaahii Sheek Abdiin, waliigaltichi ABBO naannoo Somaalee godiinotaafi aanaalee garaagaraa keessatti biiroo banuun karaa nagaan socho’uu akka isa dandeessise eeraniiru.

Waliigaltichi dhalattoonnii Somaaleefi miseensonni addichaa kutaalee addunyaa garaagaraa turan gara biyyaa fi naannoo isaaniitti akka deebi’an taasisuu kaasaniiru.

Maqaa ABBO’n ibsi mootummaan Itiyoophiyaa waliigalticha cabseera jechuun ba’e dhaabicha bakka kan hin buune ta’uu ABBO ibsuu TOI gabaaseera.

Ibsi dogoggoraa namoota dhuunfaa muraasaan ba’e adeemsa seeraa dhaabichaa kan hin eegne ta’uu eeruun, deeggartoonniifi dhalattoonni naannoo Somaalee hundi ibsichi ibsa doogoggoraa ta’uu akka hubatan dhaameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment