Waltajjiiwwan Addunyaa irratti sagaleen Afrikaa akka dhaga’amuufi Gamticha cimsuuf hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessaan galmaa’uun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 5, 2017, (FMC) – Waltajjiiwwan addunyaa irratti sagaleen Afrikaa akka dhaga’amuu fi Gamticha cimsuuf hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu Ministirri Dhimma Alaa Mooriitaaniyaa fi Dura Taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Dooktar Mohaammad Saalem Oyeed ibsaniiru.
Ministirichi walga’ii Gamtaa Afrikaa 46ffaa irratti haasawaa taasisaaniin, bara kana Afirikaa keessatti milkaa’inni fi qormaatilee hedduun turuu kaasaniiru.
Sagaleen Afrikaa waltajjiiwwan addunyaa irratti akka dhaga’amuu fi gamticha cimsuuf tattaaffiin adda addaa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gamtaa Afriikaa cimsuu fi fayyadamummaa ummata ardii kanaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Gamticha cimsuun hojii dursaa ta’uu ibsuun, haaromsa dhaabbilee Gamtaa Afrikaa bu’a qabeessa taasisuuf biyyoonni miseensa gahee isaanii bahuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment