Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi gita isaanii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin akkaataa waraana Raashiyaa – Yuukreen dhaabuun danda’amurratti bilbilaan mari’ataniiru.
Waraanni Raashiyaa – Yuukreen akka dhaabatu ni barbaanna jedhan Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin haasawa bilbilaan Pireezidaanti Tiraampi waliin taasiisaniin.
Wanti irratti waliigalan ifatti beekamuu baatus hoggantoonni lamaan waraana waggoota lakkoofsise kana akkaataa dhaabuun danda’amurratti mari’achuu isaanii Ejensiin Anaadooluu ‘New York Post’ wabeeffachuun gabaaseera.
Puutiin waraanicha dhaabuun wareegama lubbuu dargaggoota Raashiyaa fi Yuukreen oolchuu kan barbaadu ta’uu marii bilbilaan taasiifneen naaf himaniiru jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi ibsa marichaan booda kennaniin.
Imaammanni alaa bara Bulchiinsa Joo Baayidan, Baha Awuroopparratti ilaalcha dogoggoraa qaba jedhan Doonaald Tiraampi.
Bulchiinsi isaanii garuu waraana waggootaaf ture kana akka hambisu mirkaneessaniiru.
Waraanichi saffisaan akka dhaabatu Ameerikaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Pireezidaantii Itti Aanaan Ameerikaa Jee Dii Vaansi, dhimmicha ilaalchisee torbee dhufu keessa Pireezidaantii Yuukreen Vooloodmiir Zalaniskii waliin mari’achuuf beellama qabachuu gabaafameera.
Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia