Warraaqsi Dinagdee Oromoo jalqabame bu’aa olaanaa galmeessaa jira – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Warraaqsi Dinagdee Oromoo jalqabame bu’aa olaanaa galmeessaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Tiraakterota kuma 1fi 402 qonnaan bultootaafi Waldaalee IMX’f dabarseera.

Mootummaan naannichaa tarsiimotaafi seerota fedhii dinagdee Oromoo danqan jijjiiruun kan humna dinagdeesaa utuban bocee hojjetaa jiraachuu obbo Shimallis kaasaniiru.

Dhaabbanni Keenyaa faayidaa uummataa dursuun hojjetaa jiraachuu eeruun, Oromoon dinagdeen of ijaaruu akka qabu fi hanqina dinagdeesaa fayyadamuurratti mul’atu furuufis daangaa hanga daangaatti socho’ee hojjechuu qaba jedhan.

Aadaan qusannoo keenyaa fi hojii qonnaaf xiyyeeffannoo kennuun bu’aa har’a argamees bu’uura ta’uu himaniiru.

Qonnan bultootni fi dargagcootni fayyadamoo akka ta’an liqaaf haalli mijataan uumamaa jiraachuus ibsaniiru.

Naannichaatti ce’umsaa dinaagdee uumuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Miidhaksa Qachaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment