Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)- Xaa’oon uumamaa tooniin miiliyoonni 11 ol faayidaaf oolfamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Hoji Raawwachiisaa Dursaa Misoomaa Qabeenya Biyyee Ministeerichaa Liiree Abiyyo, baatiiwwan ja’an darbanitti lafa hektaara miiliyoona 1.7 ol xaa’oo uumamaan misoomsuun akka danda’ame Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.
Bara baajatichaatti lafa hektaara miiliyoona 5.5 xaa’oo uumamaan misoomsuuf karorfamuu eeranii, karooricha milkeessuuf naannawaa jiidhina qabanitti bal’inaan hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.
Gabbina biyyee waarinaan mirkaneessuuf xaa’oo uumamaa qopheessuun oyiruu misoomsuurratti ministeerichi xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Kompostii umamaa, raammoo kompoostii fi kaneenn biroo qonnaan bultoonni qopheessuun oyiruu isaanii akka misoomsaniif leenjiin kennamaa jira jedhan.
Itti fayyadamni xaa’oo umamaa dabalaa dhufuu fi qonnan bultoonni gorsa ogeessa qonnaa hojiirraa oolchaa jiraachuun bu’aan jajjabeessan galmaa’uu himan.
Qonnaan bultoonni gabbina biyyee deebisuuf faayidaa xaa’oon umamaa qabu hubachuun fedhiin itti fayyadamaa isa dabalaa akka jiru kaasaniiru.
Admaasuu Aragaawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia