Yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa milkaa’inaan gaggeessuuf qophiin taasifamaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaa 2ffaa milkaa’inaan gaggeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa beeksise.

Ministirri Ministeera Plaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsu Asaffaan Komishinara Qonnaafi Misooma Baadiyyaa Gamtaa Afrikaa Moosas Viilaakaatii waliin qaphii yaa’ii jijjiirama qabenya qilleensaa Afrikaa 2ffaarratti mari’ataniiru.

Yaa’ichi ajandaan jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaa bu’aa qabatamaa akka fiduuf kan hojjetamu ta’uun ibsameera.

Qaamoleen lameen yaa’ichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf qindoominaafi tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Yaa’ichi ardichatti guddinni waaraan akka dhufuuf akkasumas dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf shoora olaanaa qabaachuus eerameera.

Yaa’iin jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaa 2ffaan Fulbaana dhufu Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Pilaaniifi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment